Quantcast
Channel: North America
Viewing all articles
Browse latest Browse all 67

Suuraalee Hiriira Mormii Guddaa Magaalaa Guddoo Ameerikaa Washington, DCtti Oromooti Kumaatamaan Lakkawaman Geggeeysan Irraa: Kamisa Muddee 10, 2015

$
0
0

Muddee 11, 2015 | Ayyaantuu.net

Hiriirri mormii guddaan ajjeechaa, reebichaaa fi hidhaa akkasumas gochaa suukkaneessaa mootummaan koloneeffata TPLF ummta Oromoo fi keessattuu barattoota Ormoo “Master Planii” Wayyaanee mormuuf bayan irratti raawwataa jiru balaaleffate magaala guddoo Ameerikaa Washington DCtti Kamisa Muddee 10, 2015 geggeefamee jira. Hiriira mormii aarii fi xiiqiidhaan guutame kana irratti sabboontoti lammileen Oromoo Kumaatamatti lakkawaman kutaalee/Steetota Ameerikaa adda-addaa irraa walitti qabamuudhaan ganama keessaa sa’a 9:00 w.d eegalee hanga sa’aa 1:00.b. tti dhaadannoollee adda-addaa gochaa mootummaa abbaa irree fi nama-nyaataa TPLFn balaalleffatu dhageessisaa naannoo teessuma mootummaa Ameerikaa fi Waajjira Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa dhiphisanii oolaniiru.

Hiriirri mormii guddaan kun wal-tahiinsa dhaabbilee hawaasaa Oromoo naannoo Washington Dc fi Kaaba Ameerikaa Shaniin kan qophaaye yoo tahu guyyuma kana xumura hiriira nagaa kanaa irratti bakka bu’aan koree qindeessituu hiriira kanaa xalayaa mormii fi mufii ummanni Oromoo biyya keessaa fi alatti qabu akkasumas ajjeechaa fi miidhaa hamaa mootummaan abbaa irree fi faashistii TPLF/Ethiopia ummata Oromoo fi barattoota Oromoo hiriira mormii ‘Addis Ababa Master Plan’ mormoof bahan irratti humna hidhataa bobbaasee raawwachaa jiru ragaadhaan kan ibsuu fi tarkaanfii mootummaan Ameerikaa fi biyyooti dhiyaa gita bittuu TPLF irratti fudhachuu qaban kan gaafte bakka buutuu Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaatti galfatanii jiru.

Gaaffilee hawaasi Oromoo mootummaa Ameerikaaf dhiyeessan keessaa:

1.Ajjeechaa, hidhaa reebichi mootummaan abbaa irree TPLF uummata Oromoo fi barattoota Oromoo irratti geggeessa jiru hatattamaan akka dhaabbatu,
2. “Master Planiin” seeraan alaa maqaa misoomatatin qotee bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqqisuuf TPLFn tolfame hatattamaan akka dhaabbatu,
3. Hundeeffami seeraan alaa waajjira saamiinsa lafa Oromoo maqaa “Urban Development Commision” jedhamun TPLFn labsame akka haqamu,
4. Komiishiniin walaba tahe ka ajjeechaa jumlaa fi yakka Barattoota Oromoo irratti raawwaatamee fi raawwatamaa jiru qoratu akka hundeeffamu,
5. Barattooti fi uummati Oromoo hidhaa keessa jiran hundi haal-duree tokko malee hatattamaan akka hiikaman,
6. Mootummaan Itoophiyaa fi anga’oonni sirnichaa duguugiinsa sanyii Oromoo irratti raawwatanii fi raawwachiisan akkuma yakkamoota abbootii irre ka biyya Yugoslavia duraanii – Slovidan Milosivich, kan akka Kenya, kan Liberia fi Ruwanda yakka dhala Oromoo irratti dalagan hundaaf mana murtii Yakkaa Addunyaa (ICC) Hague, Netherlands tti argamutti qabamanii akka dhiyaatan, akkasumas
7. Dhumaatii fi lafa isaa irraa hari’amuun Oromoo akkuma uummattoota harqoota gabrummaa (Kolonii) jala jiraniitti ija qixaan ilaalamee gaaffiin Oromoo akka madaalan furmaata argatu kan gaafatu keessatti argama.

Bakka buutuun mootummaa Ameerikaas battaluma kana xalayaa mootummaa Ameerikaaf barreeffame kana kan harkaa fuudhan yoo tahu, dhimma isaa qoratanii bakka buutota hawaasa Oromoo kana haasofsiisuuf waadaa seenuun isaanii beekameera.

IMAG0025IMAG0010IMAG0017IMAG0032IMAG0052IMAG0046IMAG0034IMAG0056

IMAG0057IMAG0016IMAG0008IMAG0021IMAG0029IMAG0031IMAG0044IMAG0058IMAG0039


Viewing all articles
Browse latest Browse all 67